Dungo
Macaafnni qulqulluun waayee diinoota keenyaa nu akeekachiisa
Biyyoonni adda addaa gara lolaatti uttu hin seeniin dura akkas godhu. Gara biyya lolanii sanaatti basaastuu erganiitu, waayyee isaanii, wa’ee loltoota isaanii fi waayee meeshaa lolaa isaan qaban qoratu. Isa booda lolaaf qophaa’u.
Diinoota kristiyaana keessaa tokko eenyu akka ta’e beektu? Innis seexana dha. Macaafnni qulqulluun akkaataa seexani itti hojjetuu fi waan inni hojjetu nutti hima. Fakeenyaaf meeshaa lolaa seexani fayadamu keessaa tokko soba dha. Macaafnni qulqulluun seexanni akka inni sobaa ta’e nu barsiisa (Yohannis 8). Hewaanin seexanni kan inni ishee gowomsee waan soba ta’e itti himeetu. Harras seexanii biyya lafaa keessaa nama baayyee gowomsaa jira. Yoo akeekachisa sagalee Waaqayyoo keessa jiru beekne salphaatti hin gowomfamnu. Yasuus illee soba seexanaa kan inni mo’ate dubii sagalee Waaqayyoottini dha (Luqaas 4).
Egaa sagaleen Waaqayyoo eenyummaa seexanaa fi amala isaa nutti hima waan ta’eef, diina keenya kana barree akka nutti irratti damaqnuu fi lola isaa mo’anuuf nu gargaara. Kanaan achi garuu nama diina isaa isa hin beekne lolu taana. Egaa diinoota keenya enyummaa isaanii fi maalummaa isaanii barree damaqnee fi ofi eegannee jiraachuun nurra jira. Of eegannoo fi akkeekachiisa kanas kan nutti arganu sagalee Waaqayyoo keessaatti.
Kadhannaa:
Waaqayyo Abbaa waan Macaafa Qulqulluu nuuf laateef galatoomi. Akka yeroo hundumaa dubifannee ittin jiraanuuf nu gargaarri. Yeroo dubifannus afuura keetiin nuuf ibssi. Akkeekachiisa sagaleekeetiin akka jiraannuuf nu gargaari.
Shaakalaaf: Seexana hin sodaanu sababiin isaa sagalee Waaqayyoo afuurri Waaqayyoo inni nu keessa jiru isa biyya lafaa keessa jiru irra ni caala jedha waan ta’eef (Ergaa Yohannis 1ffaa 4:4). Garuu akkaataa hojii isaa baree irraa of eegachuun keenya barbaachisaa dha.
Namicha Qawwee Baatee Adeemu
Nama qawwee baatee nama ajjeesuuf adeemuu uttu agartanii maal gootu? Ana utuun ta’e baqadheen waa jala dhokodha du’a irraa of olchuuf. Umamaan waan nu miidhu tokko yoo jireenya keenyatti dhufu irraa baqana, abiddi illee yoo quba keenyatti bu’e quba keenya keessaa butanaa.
Cubbuuwoo laata? Nama jibuu, hatuu, sobuu, dhiifama gochuu didu, fi kan kana fakaatanoo in baqannaa laata? Yeroo jibbi garaa keenyatti dhufu irraa baqannamoo ofitti simanee garaa keenya keessa jiraachisna laata? Yesus Maatewos 10:28 irratii “Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee keessatti balleessuu danda’u sodaadha!” jedhe.
Yesuus egaa kan inni kana jedhe akka nutti nama meeshaa hidhatee nama ajjeesutti fignuuf miti, tasuma isa gochuun nurra hin jiru. Kan inni jechuu barbaadettu du’a foonii mannaa du’a isa afuuraa (Waaqayyo irraa addaan ba’anii hafuu) caalchisnee balaaleffachuu qabna jechuu isaatti. Harra anaaf isin isa kamiin irra balaaleffanna, isa foon keenya ajjeesumoo isa lubbuu keenya ajjeesu dha? Foon keenya du’uun isaa hin hafu, maalinuu du’u dandeenya, lolaan, dhukubaan, ballaadhaan… du’u dandeenya. Kan afuura keenya ajjessee Waaqayyo irraa addan nu baasu garuu cubbuu dha, isaaf immoo qorichi isaa ilma Waaqayyo Yesuus dha. Egaa nama isa foon keenya duwwaa ajjeessu uttu hin taane, Waaqayyo isa warra Yasuusitti hin amannetti faraduudhaaf jedhu caalchisnee sodaachuun nuuf ta’a.
Waaqayyo akka sagalee isaatti!
Obolleetti tokkon guyyaa tokko Waaqayyo gaarii dha jedheen waa’ee gaarummaa Waaqayyoo itti hime jenaan, lakki ani Waaqayyo isa ati natti himaa jirtu kana hinbeeku, ani waanan cubbamtuu ta’eef Waaqayyoo natti aaree waan na adabuuf jedhe ija dimmefattee na ilaallu natti fakaata naan jette.
Macaafnni qulqulluun waayee Waaqayyo uumaa keenyaa, waayee amala isaa, waayee Gooftaa Yasuus, waa’ee Afuura Qulqulluu nu barsiisa. Namnni Macaafa qulqulluu hin beeknne Waaqayyoon hubachuun baayyee itti ulfaata. Fakeenyaaf namnni cubbamaan sagalee Waaqayyoo hin beeknne tokko Waaqayyo na hin jaallatu jedhee yaaduu danda’a sababiin isaa Waaqayyo akka inni jalala ta’ee (Ergaa Yohannis 1ffaa 4:16) fi akka inni waaqa du’a cubamaatti hin gammadne (Hizqeel 18:23) ta’u isaa waan hin beekneef ilaalchi inni Waaqayyoof qabu dhugaa Waaqayyo irraa adda ta’u danda’a. Fakeenya dabalataaf sagaleen Waaqayyoo akka inni amanamaa fi waan jedhe akkanni raawatu nutti dubatta (Lakoobsa 23:19). Namnni amanamummaa Waaqayyoo dhamdhamee yookiin sagalee Waaqayyoo irraa dubbifatee amanee hin fudhanne tokko waan Waaqayyo itti himu tokko shakuu danda’a. Kanaaf sagalee Waaqayyoo dubifannee amaloota Waaqayyoo, kan Gooftaa keenya Yasuusiifi kan Afura Qulqulluu hubachuun barbaachisaa dha. Yoo nutti sagalee Waaqayyoo dubbifannee amaloota Waaqayyoo hin barannu ta’e seexannis, biyyi lafaas, foon keenyas akka nutti waayee Waaqayyoo ilaalcha dogogoraa fi sobaa qabaannu nu godha, innimoo fayinna keenyattis ta’e jireenya keenyatti danqaa ta’a. Waaqayyo akka sagalee isaati.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa : Faarfannaa 119:105
Luqqissiin kun sagaleen Waaqayyo akka gucaatti karaa namaa irratti akka inni namaaf ifuu nu barsiisa. Mana dukana keessa adeemuun hammam nama rakisaa? Gufachuu, kufu, qodaa cabsuu, miidhamu of keessaa qaba. Namnni mana ifaa keessa adeemu garu bilisummaa dhaan adeemuu danda’a, waa hojettee galmaan ga’achu danda’a, namnni mana ifaa keessa adeemu hin gufatu, hin sodaatu, hin midhamus. Egaa namnni macaafa qulqulluutiin geggeffamu akka nama ifa keessa deddeebi’uutti.
Macaafnni qulqulluun, sagaleen Waaqayyoo akka inni jireenya keenyaaf ifa ta’e nutti hima. Sagalee Waaqayyoo beeknne yoo ittin jiraanne akka nama mana isaa keessatti ibsaa ibsatee yookiin akka nama karaa isaa irratti ibsaa qabate adeemuuti. Namnni luqisi kana barreesse mootii Daawit dha. Mootiin Daawit waan dubbii sagalee Waaqayyoo of keessaa qabuuf yeroo loltuun Israa’eel hundinu sodaatani darbee adeemeetu Sagalee Waaqayyoo fi humna Waaqayyoo waan beekuuf Goliyaadiin mo’achuu danda’e. Uttu Dawit, namnni sagalee Waaqayyoo beeku hin jiraannee sabnni Israa’eel ni garboomfamu turani. Dubbiin sagalee Waaqayyoo amma Daawit hoolaa tiksuu irraa kaase amma inni mootii Isra’eel ta’utti isa waan geggessee galmaan isa ga’eef, dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, karaakoo irrattis naaf ifa jedhe barreesse. Isinoo ifa sagalee Waaqayyootiin deddeebi’u barbaaduu? Sagalee Waaqayyoo dubifadhaatii ittin jiraadhaa. Egaa sagaleen Waaqayyoo karaa keessan isiniif ibseetu gara fiixaan ba’umsaatti isin geessa. Waan hamaa hedduu irraas isin oolcha. Namnni ibsaa ofi harkaa qabu bolla, hallayyaa, guffuu hundumaa argee akka irraa goru, namnni sagalee Waaqayyoo beekus waan hamaa baayyee argeetu irraa goru danda’a. Kanaaf Macaafa Qulqulluu barachuu fi itti jiraachuun baayyee barbaachisaa dha.
Kadhannaa
Waaqayyo Abbaa waan Macaafa Qulqulluu nuuf laateef galatoomi. Akkan yeroo hundumaa dubifannee ittin jiraanuuf nu gargaarri. Yeroo dubifannus afuura keetiin nuuf ibssi. Ifa sagaleekeetitti hirkannee waan hamaa hedduu irraa akka eegamnuuf nu gargaari.
Shaakalaaf: Sagalee Waaqayyoo yeroo dubifatan, akka inni karaa keesaniif ifa ta’e hubachaa itti dedebi’aa dubisaa.
Diinakoo Sana