Sagantaa Xaabitaa

Caaffanni qulqullaa'aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeellummaattis leenjjisuudhaaf dhima in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda'e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa'e akka ta'u in godha.

2 Ximotewos 3: 6 -18

Sagantaa Xaabitaa

Sagantaan Xaabitaa kan inni hundeefame Bara 2018 magaalaa San Diego, California, USA tti dha. Sagantaan kun kan inni jalqabamee Waldaa Oromo San Diego keessatti yommuu ta'u. Eega bara 2019 immoo namoota muldhata kana fudhatanii hojjechuu itti fufaniin hojjetamaa jira. Sagantaan Xaabitaa kan inni xiyyeeffatu ijjoollee irratti yamuu ta'u, keesumaa yeroo ammaa kanatti barumsa macaafa qulqulluu fi faarfannaa ijoollee dhaaf qopheesuu dhaan toora Youtube, facebook fi website dhaan maxxansa. Barumssi sagantaa kanaan qophaa'u garee waldaa tokko duwaaf uttu hin taane nama karaa qajeelummaa barbaadatuu fi duuka buutuu Yasuus ta'u barbaadu hundumaaf kan ta'u dha. Barumssi asiratti argamu Macaafa Qulqulluu irratti kan hundaa'e yommuu ta'u, Macaafnni qulqulluun akka inni sagalee Waaqayyoo ta'es amanuu fi fudhachuu dhaani dha. Barumssi kun qulqullummaa guddaa dhaan akka sagalee Waaqayyootti fi akka ulfina Waaqayyoof ta'utti kan qophaa'e dha.

Sagantaan Xaabitaa sagalee Waaqayyoo barsiisuuf, balleessaa nama hubachiisuuf, nama qajeelchuuf, qajeellummaattis nama leenjjisuudhaaf kan ta'u barumsa qopheessa. Akkasumas karaan fayyinaa karaa Gooftaa Yasus duwaa akka inni ta'ee fi Yasuus waayee cubbuu keenyaaf akka inni du'ee du'aa ka'e, akkasumas akka inni deebi'ee dhufu amanuu dhaani dha.

Sagantaan Xaabitaa aboommii sagalee Waaqayyoo keessatti bareefame hunddumaa kan gutummaatti simmatu yeroo ta'u, Sagaleen Waaqayyoo waan inni cubbuu dha jedheen cubbuu dha kan jedhu, waan sagaleen Waaqayyoo qajeellummaa dha jedhenis qajeellummaa dha kan jedhu dha.

Sibilli akkuma sibila qaruu, namoonni yaada yookiin gorsa fi sirreefama nuuf kennu barbaaddan email dhaan nuuf bareessaatii yaada keessan sagalee Waaqayyootiin mijanneetu fudhana.


*** Barumssi qophii Sagantaa Xaabitaa irratti qophaa'ee maxanfame ijjoollee umuriin isaanii waggaa 10 fi isaa oli ta'eefi dha, ijoolleen waggaa 10 gadii ilaaluu danda'u garuu barumsi isaa itti ulfaachuu danda'a***

*** Faarfannaan garuu umurii hundumaaf ni ta'a***

© Copy right: Sagantaa Xaabitaa

Bareefamnni, faarfannaan fi meeshaaleen barumsaa adda addaa asirra jiran dadhabii namootaatiin kan qophaa'an waan ta'eef, yeroo itti fayyadamnu Sagantaa Xaabitaa irraa akka fudhatame dubachuun barbaachisaa dha.

We would like to thank Free Bible Images and all their partners for providing the images used by Sagantaa Xaabitaa for free.